Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 2:1 - Kitaaba Woyyuu

1 Achiin maayessa Daawiti qachoota Yihuuda'aa keessaa gara takkaa bayuu? jedhee Rabbiin gaafate. Rabbillee, «Ee bayi» jedheen. Daawitillee, «Gara qachaa tamii baya?» jedhee gaafate. Rabbillee, «Gara Keebroonii bayi» jedheen.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 2:1
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Kanaafuu Abraam daasee ufii diigee Keebrooniin hulee lafa qilxuu gugurdaa Maammire'ee bira jiraate; achittillee hulee ciinca'aa Rabbiif hojjate.


Yaaqoob hennaa isaan arge, «Kunniin loltoota Rabbiiti» jedhee maqaa hulee sanii Manaayim jedhee itti baase.


Woggaa afuriin maayessa Abeseloom mooticha Daawitiin, «Mootii kiyya! akka woreega Rabbii gale raawwadhu gara Keebroonii akka deemu yabo'oo maarre naa jedhi!


Daawitillee hennaa Keebrooniin taa'e, Yihuudaa maraa irratti woggaa torbaa fi wodhakkaa mooye.


Daawitillee, «Gara worra Filisxeemii bawuu? dabarsitee harka kiyya jala naa oolchitaa?» jedhee Rabbiin gaafate; Rabbillee Daawitiin, «Ani dhugamaan worra Filisxeemii dabarsee si jala oolchaa bayi» jedheen.


Daawitillee Rabbiin gaafate; innillee, «Duuba isaanii naannayii odaa afoo taa'i malee hin bayin» jedheen.


Daawiti Israa'eliin woggaa afurtama bulche; Keebroonitti woggaa torba, Yerusaalemitti woggaa soddomii sadihii bulche.


Isaan fedha ufiitiin worqii kiiloo giraama kuma dhibba tokkoo fi torbaatama, birrii kiiloo giraama kuma dhibbaa sadihii fi afurtama, Sibiila diimaa kiiloo giraama kuma dhibba tokkoo fi diddamaa gawu, sibiila miliyoona sadihiitii fi kuma dhibba afurii olii kennan;


Tsoori'aaniin, Eeloonii fi Keebrooniin kushee godhee ijaare.


Ka ani hedadhu waan si ta'eef jaalala kee ka bara baraa akka beeku na gargaari; waan lubbuu tiyya yaboo sitti kennadheef karaa deemu natti mudhisi.


Ani Rabbiin waan tokko kadhadha; isiillee hin barbaada; bara jireenna kiyyaa maraa mana Rabbii keessa jiraachuu; bareedaa fi ulfinna isaa maalalee inni godhu laalu'uu fi akka mana woyyuu keessatti isa kadhachuu danda'u.


Rabbiin maraa olii akkana jedha «Worri Israa'elii deebi'anii hennaa tokko akka na kadhatan godha; laakkobsa isaanii akka tika hoolotaatitti baay'isa.


Gara bita'aatiin bayanii Keebrooniin gayan achitti ijoolleen «Eenaaqii» ka'imman Seesii fi Taalaam fa'atu jira; Keebroon Xaniyoosii biyya Misiriitiin dura woggaa torbaan dura ijaaramte turte.


Innillee gadicha Aarooniin afoo haa dhaabatuu; gadichi Aaroonillee Rabbiin afo'otti murtii Uurimii haa gaafatuufii; inni isa woliin ijoolleen Israa'elii maruu waan inni jedheen maraa haa ajajamanii; jecha isaatiin baya'aa haa galanii» jedheen.


Akkuma Rabbi Iyyaasuu ajaje, Kaaleebii ilma Yoofooniitii ijoollee Yihuuda'aa keessatti qachaa Qiriyaati'arbaaq jedhamtu qoodee kenneef; qachaan sun Keebroon; Arbaaqiin kun garuu abba Eenaaqii ture.


Haga Iyyaasuun du'een maayessa ijoolleen Israa'elii «Worra Kana'aanii woliin wol lolu'uuf eentu nu afoo deema? » jedhanii Rabbiin gaafatan.


Kanaaf isaan «Ammaa achi namni Rabbii ka gamana dhufu jiraa?» jedhanii gaafatan. Rabbi akkana jedhee isaanii deebise, «Inni kunoo meeshaa keessatti dhokateera» jedhe.


Kanaaf Daawiti «Deemee Filisxeemota kanaan loluu?» jedhee Rabbiin gaafate. Rabbillee Daawitiin «Deemii Filisxeemiin lolii qachaa Qi'ila'aa harkaa baasi» jedhe.


Sababaa kanaaf Daawiti «Ammallee Rabbiin na hofolchi» jedhee gaafate; Rabbillee «Ani Filisxeemiin harka kee jala galchaa ka'iitii gara qachaa Qi'ila'aa gad bu'ii balaa itti buusi» jedheen.


worra Keebroonii, akkasuma worra hulee inni namoota isaa woliin keessa jiraata'aa ture maraafuu erge.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ