Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 18:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Baniin garuu mootichaan, «Ati nu woliin bawuu hin barbaachisu; nu keessaa namni hagoon dheessinee yoo duubatti deebine yookaan gari gariin keenna yoo dhumne diina keenna maaltu dhibe; ati ammo nu'uu nama kuma kudhaniituu waan caaltuuf qachama kana keessa teettee gargaarsa nu barbaachisu nuu erguu sii woyya» jedhaniin.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 18:3
8 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Iyyoo'aab Abisa'aan, «Worri Sooriya'aa hennaa na injifachu'uuf dhufan yoo argite koottuu na gargaari; anillee hennaa worri Amoonii si injifachuu gayan dhufee si gargaaraa.


uduu inni dadhabee harki isaallee laamshayee hadoodee jiru dimmaa balaa itti buusee isa sodaachisa; baniin isa woliin jirullee hin dheessa; mooticha addatti qabee dhaya;


Garuu Abiisaa ilma Tsuuriya'aatitu du'a isa oolche; inni worra Filisxeemii dhayee ajjeese; achiin maayessa namoonni Daawitii, «Ati ibsaan worra Israa'elii akka hin banne ammaa achi nu woliin lolaaf hin baatu» jedhanii kakataniif.


Mootiin biyya Sooriya'aa bulchoota worra gaarii fardaa oofan soddomii lamaanuu «Mootii Israa'elii malee nama diqqa'aa fi gudda'aanille yoo ta'e eennuunuu wol hin lolinaa'a» jedhee isaan ajajee ture.


Hafuurri lubbuu keennaa ka Rabbi dibe; siiboo isaaniitiin qabame; gaaddisa jala worra Yihuudii hin taane keessa jiraanna jennee yaannee turre.


Waandhi banii maraa akkana jedha, «Yaa guraadee'e! ati tissee kiyya ka naan wolii galutti ka'i! akka hoolonni bittinnaayan tissee dhayi! anillee didiqqaa irratti harka kiyya hiixadhaa.


Dubartoonnillee, «Saa'ol kuma ajjeese! Daawiti garuu kumaatama ajjeese!» jedha'aa wol jalaa qaba'aa sirba'aa turan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ