Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 12:3 - Kitaaba Woyyuu3 Hiyyeessi garuu ilmoo hoola'aa takkattii ta qarshii ufiitiin bitate qaba; isii san kunuunsa'aa mana ufii keessatti ijoollee ufii woliin guddisa'aanii ture; nyaata ufii nyaatu nyaachisa'aa, waan ufii dhugu irraallee obaasa'aanii ture; hennaa ciiftullee ammata'aanii ture; ilmoon sun akkuma daa'ima isaa turte. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
«Ilmi haatetii yookaan ilmi kee, yookaan mucattiin tee, haati manaa tee, goshoon kee, ka akka lubbuu keetiititti jaalattu dhossa'aan koottu daanga'aa haga daangaa lafaa deemnee waaqa tolfamaa dhiyoo jiranii fi fagoo jiran ka worri ormaa waaqeffatan, waaqa tolfamaa atii fi abboonni tee hin beenne waaqeffannaa jedhee yoo si sobe tole hin jedhin.