Dubartittiin daraaraa mukaa san yoo laaltu nyaataaf mishaa; laalcha ijaatiifillee ka nama dharraasisuu fi ka nama ogoomsu akka ta'e hennaa argite daraaraa san fuutee nyaatte; akkasuma abbaa manaa ufiitiifillee hin kennite, innillee isii woliin nyaate.
Ijoolleen Reemoonii ka Bi'eerootaa Reekaabii fi Ba'aanaan hennaa aduun oo'ite gara mana Iyyaabuuste'ee dhufan; inni hennaa aduun oo'ite guyyaa afaa irra ciisee ture.
«‹Haadha manaa ta nama biraa hin laalin; mana nama kamiituu, lafa isaa, hojjata'aa fi hojjattuu isaa, sangaa isaa, harree isaa, qabeenna isaa maraa woma kamuu hin kajeelin.