9 Iyyoo'aab akka diintonni isaa afo'oo fi duubaan isa marsan haga arge, loltoota janna ta'an Israa'eliin keessaa filee worra Sooriya'aa afoo hulee isaanii ta'uun isaan ramade.
Banii hafe obboleessi isaa Abisaan akka masakku godhee namoota Amoonii afo'otti lolaaf yaase;
Worri Amoonotaallee bayanii karra seensaa afo'otti quphatan; namoonni Suuba'aa Ra'aabii, Sooriya'aa Xuubiitii fi Maa'ika'aallee hojjuma ufii araddaa badhaa keessa turan.
Daawiti banii harka sadihi keessaa tokko Iyyoo'aabiin jalatti, harka sadihi keessaa tokko ammo Itaayii nama gosa Geetii jalatti akka bulan godhe; mootichi bani'iin, «Anillee isin woliin deema» isaaniin jedhe.
Baniin Yihuuda'aa uf irra gara galanii duraa fi duubaan akka marfaman haga argan akka isaan gargaaruuf gara Rabbii iyyan; worri gadootaallee xurumbaa afuufan.