4 Haanoon garboota Daawiti erge qabee areeda cinaa tokkoo haadee uffata isaan uffataniiran haga mudhi'ii hulee lamatti biinxee isaan ari'e;
isaan gara manaa galuu waan saalfataniif garboota isaanitti ergee haga areenni isaanii bawuuf akka hin gallee Iyyaarikoo keessa akka turan isaanitti hime.
Diboon gara mana woyyu'uu baye; booyu'uuf gara tullu'uu baye; Moo'aab waan Naaba'aa, waan Meedibaamiillee; iyya dhageessisa. mataan maruu cirameera; areenni maruu haadameera.
akkasuma mootiin biyya Asoorii boojuu biyya Misiriitii fi ka biyya Itoophiya'aa, jaarsaa fi ka'imman qullaa hafanii kophee lukaa baafatanii akka gara rakkinna biyya Misirii dhaqan isaan godha.
dimmaa namoonni saddeettamaa Sheekeemii, Sheelo'oo fi Samaariyaa keessaa dhufan; isaan gaddanii areeda haadatanii, uffata ufii biinxanii fuula ufii taraaranii turan; kennaa midhaaniitii fi hixaana mana woyyuu keessatti kennanillee qabatanii turan.
Jammura hin haadatinaa'a; areeda keessan gabaabsitanii hin haadatinaa'a.