9 Inni, ‹Ani du'uuf gaggabeeraa; lubbuun tiyya haga ammaa na keessa jirti, na irra dhaabadhuutii na ajjeesi!› naan jedhe.
Anillee haga kufeen maayii akka hin hafne argee irra dhaabadhee ajjeese; gonfoo mataa isaa irraa; bitoo harka isaa irra jiru fuudhee garana gara gooftaa kiyyaa fideera.»
Inni ati eennu? naan jedhe; anillee Amaaleqicha jedhee deebiseef.
Saa'ol loltu isa gargaaruun, «Worri hin gadoomne kunniin dhufanii akka natti hin taphanne guraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi» jedheen; loltuun isa gargaaru sun garuu sodaatee dide; Saa'ol Yoma san guraadee ufii luqqifatee lafatti dhaabee itti dirme.
Ji'oota sanniin namoonni du'a soqan. Haa ta'uu ammo hin argatan, du'uu dharra'an; duuti ammo isaan dheessiti.
Innillee daddafee loltuu isa eegu waamatee, «Akka namni dubarti'itu isa ajjeese hin jenne, guraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi» jedheen. Ka'imtichi hin woraaneen, innillee hin du'e.
Saa'ol namicha mi'a woraanaa isaa baatuun «Worri hin gadoomne dhufanii akka natti hin taphanne ati guraadee keetiin na ajjeesi» jedheen; namichi mi'a lolaa baatuuf guddisee waan sodaatee tureef kana godhuu dide; achii Saa'ol guraadee ufii fudhatee itti dirme.