«Deemii Ayihuudota Suusaa keessa jiran maraa wolitti qabi, naaf soomaa'a, kadhadhaa'a, guyyaa sadihiif halkanii fi guyyaa hin nyaatinaa'a, hin dhuginaa'a, anii fi hojjattoonni tiyyallee akkasuma hin soomna. Yoma seeraan alallee ta'e mooticha bira hin seena; yoo badellee hin bada.»
Isin gadda keessan mudhisu'uuf uffata keessan tarsaasuun gaya'aa miti; caala'atti garaa guutu'uun gara kiyya deebi'aa'a.» Rabbi Waandhi keessan arjaa'a, ka namaa dhiisu, ka lolaaf hin ariifanne, ka jaalala bara baraatiin duroomee fi ka adabbi'iif hin ariifanne waan ta'eef gara isaa deebi'aa'a.
Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.