Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 7:9 - Kitaaba Woyyuu

9 Saamu'eel korbeessa hoola'aa tokko ka haadha hodhu fuudhee ciincaa ciincessee Rabbii dhiyeessee waan worra Israa'eliitiif gara Rabbii iyye; Rabbillee hin dhagayeef.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 7:9
16 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hennaa rakko'oo na waami; si oolchaa atillee na kabajjitaa.»


Muuseenii fi Aaroon gadoota isaa keessa turan; Saamu'eelillee worra maqaa isaa waaman keessa; isaan Rabbiin waamatan; Innillee isaanii deebise.


Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Yoma Muuseenii fi Saamu'eel na afoo dhaabatanii waan banii kanaatiif na worwaatan ani banii kanaa hin araaramu; kanaafuu akka isaan na irraa fagaatan godhi.


«Waatiin, yookaan hoolaan, yookaan re'een yoo dhalate guyyaa torbaa haadha woliin haa jiraatuu; guyyaa saddeetiif achii olitti ciincaa Rabbiif ibiddaan ciincawu ta'a.


«Waandhana! banii hunna kee gudda'aan furte, ka irree kee jaba'aan biyya Misiriitii baafte banii keetii fi ristii kee hin balleessin;


Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a; akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti.


Hulema sanitti Rabbii Waaqa keetii hulee ciinca'aa midhaassii hojjadhu; achiin maayessa sangaa lammeesso'oo fuudhiitii fakii caccabsite sanniiniin ibidda qabsiisii korma san achi irratti ciincaa aaru godhii dhiyeessi» jedheen.


Worri qachaa sanii ganama yoo ka'an ba'aal waandhi tolfamaan diiggamee, fakiin intalattii Asheeraa ka naannaya hulee arsa'aatitti hojjatamee ture ka diiggameeru arganii,


Hulee ani ciincaa itti ciincessuu fi hulee ciincaa fayyumma'aa irratti dhiyeessu, gara Gelgela'aa na firriftee dhaxxa ani achitti ciincaa ciincessa; haga ani gara kee dhufee waan gootu sitti himuuf haga guyyaa torbaa achuma turi» jedheen.


Akkuma beettan hennaan kun hennaa qamadii haamaniimii? ani garuu gara Rabbii iyya; innillee gigissa'aa fi rooba erga; yoo kun ta'e isin waan akka mootiin isinii moowu kadhattaniif akka Rabbiin afo'otti waan hamaa guddaa gootan hin argitanii» jedhe.


Saamu'eel «Attamiin dhaqa? Saa'ol yoo dhagaye na ajjeesaa!» jedhe. Rabbi, «Raada takka qabadhuu dhaqii isii ciincaa godhu'uuf dhufe› jedhi.


Ani gadicha amanamaa akka yaada kiyyaa naa hojjatu fooyadha; ani fiixaa jabaatee dhaabatu kennaaf; inni mootii ani muude afo'otti hojjata.


Manni Isaallee achuma waan tureef Raama'aa deddeebi'aa ture; achitti worra Israa'eliitii murtii kenna'aa ture; achumatti Rabbiif hulee ciinca'aa hojjate.


Isaanillee «Ee! kunoo isin afoo jira; adhuma gara qacha'aa dhufee, adha baniin gaara hulee itti sagadanitti waan ciincaa dhiyeessu'uuf ta'uuf daddafa'aatii ol bayaa'a.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ