Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 7:4 - Kitaaba Woyyuu

4 Kanaaf Ijoolleen Israa'elii ba'aaliimii fi astaarootiin uf keessaa balleessanii Rabbiin callaa waaqeffatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 7:4
11 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Banii Israa'elii! ani waaqolee tolfamaa woliin wolii galtee maal qaba? ka kadhaa keessaniif deebii isinii kennuu fi ka isin kunuunsu ana; ani akka hindheessa hennaa maraa lalisee mudhatuuti; isin anaan worra bu'aa qabu taatan.»


Asoor nu hin oolchu, faradoo isaa ka lolaa hin hedannu; nu'u ammaa achi waaqolee tolfamaa harka keennaan hojjanne maraa ‹Waaqa› jennee hin waamnu; Waaqa keenna! worri maatiin jalaa dhuman si'iin araara argatan» jedha'aanii'i.


Solomoon na dhiisee Astaarootii waaqa tolfamaa worra Siidoonii Kaamooshii waaqa tolfamaa Moo'aabii, Miilkoomii waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii waan sagadeef akka abbaan isaa Daawiti qajeelaa ta'e qajeelaa ta'ee ajajaa fi murtii kiyya eegee akka ani fedhutti waan hin jiraanneef.


Rabbiin dhiisanii «Ba'aalii fi Astaarotiin» waaqeffatan.


Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii waan hamaa Rabbiin afo'otti hojjatanii Ba'aaliin waaqeffatan.


Saamu'eel worra Israa'elii maraanuu, «Yoo onnee teessan guutu'uun gara Rabbii deebitan waaqolee tolfama'aa fi waaqolee tolfamaa astaaroot jedhaman uf keessaa balleessaa'a; qalbii guutu'uun gara Rabbii deebi'aa'a; isuma callaa waaqeffadhaa'a; inni harka worra Filisxeemii jalaa isin baasaa» isaaniin jedhe.


Kanaan maayessa Saamu'eel worra Israa'elii maraan «Mitsipha'atti wol gayaa'a; ani waan keessaniif Rabbiin kadhadhaa» jedhe.


biyya diintota ufii ka isaan booji'ee keessa taa'anii garaa guutu'uun yoo gara kee deebi'an, qachaa ati filatte, gara mana woyyuu ani sii ijaareetii fi biyya abboota isaaniitii kennitee yoo si kadhatan,


Solomoon waaqa tolfamaa worra Siidoonii ka Astaarooti jedhamuu fi karaa battumma'aa ka worra Amoonii jibbisiisaa ka Moolook jedhamu faana deeme,


Hulee ciinca'aa ka ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam Israa'eliin dogoggorsee akka cubbuu hojjatu godhe Iyyoosiyaas diigee dhagaa isaan ijaaramellee caccabsee bulleessee daaraa godhe; fakii Asheera'aallee ibiddaan gube.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ