Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 7:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Saamu'eel worra Israa'elii maraanuu, «Yoo onnee teessan guutu'uun gara Rabbii deebitan waaqolee tolfama'aa fi waaqolee tolfamaa astaaroot jedhaman uf keessaa balleessaa'a; qalbii guutu'uun gara Rabbii deebi'aa'a; isuma callaa waaqeffadhaa'a; inni harka worra Filisxeemii jalaa isin baasaa» isaaniin jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 7:3
40 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Kanaaf Yaaqoobillee maatii ufiitii fi worra isa woliin jiran maraan «Waaqolee tolfamaa jidduu keessanii balleessaa'a, qulqulloota ta'aa'a, uffata keessanillee jijjiiradhaa'a,


Solomoon na dhiisee Astaarootii waaqa tolfamaa worra Siidoonii Kaamooshii waaqa tolfamaa Moo'aabii, Miilkoomii waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii waan sagadeef akka abbaan isaa Daawiti qajeelaa ta'e qajeelaa ta'ee ajajaa fi murtii kiyya eegee akka ani fedhutti waan hin jiraanneef.


biyya diintota ufii ka isaan booji'ee keessa taa'anii garaa guutu'uun yoo gara kee deebi'an, qachaa ati filatte, gara mana woyyuu ani sii ijaareetii fi biyya abboota isaaniitii kennitee yoo si kadhatan,


Rabbii waaqa keessan sodaadhaa'a; inni diintota keessan maraa jalaa isin oolcha.»


Hulee ciinca'aa ka ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam Israa'eliin dogoggorsee akka cubbuu hojjatu godhe Iyyoosiyaas diigee dhagaa isaan ijaaramellee caccabsee bulleessee daaraa godhe; fakii Asheera'aallee ibiddaan gube.


Ammallee isin Rabbii Waaqa keessan barbaada'aa onnee teessanii fi lubbuu teessan maraanuu Rabbiin tajaajilaa'a, saanduuqa waada'aa ka Rabbii Waaqa keessaniitii fi meeshaa woyyuu tajaajila mana woyyuu keessatti tajaajilaniin maraa fiddanii akka isa keessa keettaniif mana woyyuu ulfinna Rabbiitiif ijaaraa'a» jedhee isaan ajaje.


Daawiti Solomooniin, «Ilma kiyya; Waaqa abbaa keetii akka beettu onnee guutu'uu fi yaada misha'aan akka isa tajaajiltu si kadhadha yoo isa barbaaddellee hin argattaan; yoo isa dhiifte innillee baraa haga bara baraa si dhiisa.


garuu waan gari garii mishaa gooteerta; wonti mishaan ati goote waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamtu ta baniin waaqeffatu, fakii maraa lafa irraa balleessiteerta; fedha Rabbii beeku'uuf badaddeerta» jedheen.


Garuu hulee itti sagadan ka gaara gubbaa jiru hin balleessine; baniinillee gara Rabbii ufii gara Waaqa abboota isaanii onnee ufii guutu'uun hin deebine.


Mootichi Hisqiyaas «Nama akka seera mana woyyu'uutitti hin woyyoomne, namni Rabbii Waaqa abboota ufii barbaadu maruu Rabbiin araaraa isaanii haa dhiisu!» jedhee Waaqa isaanii kadhate.


Karoorri gara'aa ka namaati; ka deebii kennu garuu Rabbi.


Hammeeyyiin hammeenna ufii, cubbamtoonnillee yaada hamaa ufii haa dhiisanii; araarri isaa guddaa waan ta'ee fi akka inni isaanii dhiisuuf, gara Rabbii Waaqa keennaa haa deebi'anii.


Ana Rabbiin akka beekan isaan taasisa; achiin maayessa isaan garaa ufii guutu'uun gara kiyya waan deebi'aniif isaan banii kiyya ta'an; ani Waaqa isaanii ta'a.


Baniin Yihuuda'aa hennaa akka ani badii isaanitti fidu'uuf ta'u dhagayan maal laataa hujii ufii hamaa irraa deebi'uu danda'an; anillee yakkaa fi cubbuu isaanii isaanii dhiisa.»


Rabbi akkana jedhe, «Isin banii Israa'elii! yoo gara kiyya deebi'uu barbaaddan, waaqolee tolfamaa jibbaman sanniin balleessitanii yoo anuma calla'aa amanamtoota taatan;


«Kanaafuu ati banii Israa'eliitiin ‹Rabbiin maraa olii akkana jedha; waaqolee tolfamaa keessan dhiisa'aatii aagii galaa'a! hujii badaa keessan ka nama gufachiisu maraa irraa deebi'aa'a!» jedhi.


Hujii hamaa keessan maraa dhiisa'aatii hafuuraa fi onnee haarawa qabaadhaa'a; isin worri Israa'elii maaf duutan?


Banii Israa'elii! isin sababaa cubbuu keessaniitiif waan gufattaniirtaniif gara Rabbii Waaqa keessanii deebi'aa'a.


‹Baniin kun afaaniin na kabajja, garaan isaanii ammo na irraa guddaa fago'o;


Hennaa san Yesuus, «Ati seexana! na irraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi; isuma callaa waaqeffadhu› jedhamee barreeffameera» jedheen.


Yesuus ammallee, «Eennullee ka gooftaa lamaaf buluu danda'u hin jiru. Tokko hin jibba, kaan ammo hin jaalata; yookaan tokkochaaf uf kennee kaan ammo hin tuffata. Akkasuma Rabbii fi duniya'aa qixa bitamuu dandeettan» jedhe.


Yesuus deebisee, «Waaqa Gooftaa keetiif sagadi, Isuma callaa waaqeffadhu! jedhamee barreeffameera» jedheen.


Rabbi Ayyaana, worri Isaa sagadanillee dhuga'aa fi Ayyaanaan sagadu'utu isaan barbaachisa » jedheen.


Rabbii Waaqa kee sodaadhu; isuma waaqeffadhu; isaa amanamtoota ta'a'aa maqaa isaatiin kakadhaa'a;


Rabbii Waaqa keessan duukaa deemaa'a; isa sodaadhaa'a; ajaja isaa eegaa'a; jecha isaa dhagayaa'a; isa waaqeffadhaa'a; isaan wolii galaa'a.


Garuu achitti Rabbii Waaqa keessan soqattan; waan onne'ee fi qalbii keetiin soxxe maraa hin argatta.


Rabbii Waaqa kee sodaadhu, isuma callaa waaqeffadhu, maqaa isaatiin kakadhu.


Mootonni Aagii ka qachoota Baasaanii keessa jiran, Astaarootii fi Eediraayi; Kunniin ilma Minaase'ee ka ijoollee Maakiriiti; lafti ijoollee Maakirii akka gosa isaaniitiin kana ture.


Ammallee isin Rabbiin sodaadhaa'a; Rabbiin dhugamaan onnee teessan guutu'uun waaqeffadhaa'a; waaqolee tolfamaa abbootiin teessan laga gama biyya Misirii keessatti waaqeffatan uf irraa fageessaa'a; Rabbiin waaqeffadhaa malee.


Innillee «Amma waaqolee tolfamaa isin jidduu jiran uf keessaa baasa'aatii qalbii keessan gara Rabbii Waaqa keessanii deebisaa» isaaniin jedhe.


Isaan waaqa tolfamaa uf jiddu'uu dhoogganii Rabbiin waaqeffatan, Rabbillee rakkachuu worra Israa'eliititti guddisee gadde.


Ijoolleen Israa'elii ammallee deebi'anii Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatan; waaqolee tolfamaa worra Sooriya'aa ba'aaliimii fi Astaarootiin, waaqa tolfamaa siidoona'aa, waaqa tolfamaa worra Moo'aabii, waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii fi waaqa tolfamaa worra Filisxeemii waaqeffatanii Rabbiin waaqeffachuu dhiisan;


Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii waan hamaa Rabbiin afo'otti hojjatanii Ba'aaliin waaqeffatan.


Rabbiin dhiisanii «Ba'aalii fi Astaarotiin» waaqeffatan.


Achiin maayessa worri Filisxeemii woraana Saa'oliitii fi mi'a woraanaa fakii intalaa ta Astaarooti jedhamtee waamamtuu ta mana qulqulluu keessa jirtu keessa kaayan; reeffa Saa'olii ammo hulee Beetisaan jedhamtu dallawa irratti fannisan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ