3 Namoonni Azaaxoonii ganamaan lafaa ka'anii dhaqanii yoo laalan daaqoon saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti kallachaan lafatti gad kufeera; daagooniin ol qabanii hule'etti deebisan.
Isaan mirgoo qalanii qopheessanii ganamaa haga guyya'aa Ba'aal nuu dhagayi» jedha'aa maqaa Ba'aalii waaman; hulee ciinca'aa irra naannaya'aa utaala'aa weeddisan; garuu laagaa tokkollee hin dhageenne, deebiillee hin arganne.
Harka hin qaban ammo hin qaqqaban; luka hin qaban ammo hin deeman; laagaa isaanii keessattillee sagaleen hin uumamu.
Worri fakii bocamee sagadan worri waaqolee tolfamaa hedatan maruu haa saalfatanii; isinillee waaqoleen tolfamaan maruu isaa sagadaa'a.
«Ani halkanuma san biyya Misirii maraa keessa lufee hangafa sa'aa namaa ka biyya Misirii maraa ajjeesee waaqolee tolfamaa biyya Misirii maraa adaba; ani Rabbiin waan ta'eef;
Dubbii waan Misiriitiif dubbatame; Kunoo Rabbi duumessa ariifataa irra taa'ee; gara Misirii dhufa; waaqoleen tolfamaan Misirii isa afo'otti hollatan; onneen worra Misirii isaan keessatti baxxi.
Hiyyeessi dhabaan kennaa akkanaa dhiyeessuu hin dandeenne; muka hin xiinxanoofne filata; fakii hin kufne dhaabu'uuf ogeessa beekkamaa barbaada.
Namni ogummaa harkaa qabu, nama worqii bassu jajjabeessa; namni waaqa tolfamaa burrisaan tumee qulqulleessu, nama sibiila oo'e hodhuun ‹jabaadhu! akki ati maaxi'iin wolitti hodhitu kun misha'aa!› jedhaan. akka hin sochoone waaqa tolfamaa ufii mismaari'iin wolitti hodha»
Ol fuudhanii gurmu'utti baatan; yoo hulee tokko kaayan achuma taa'a; hulee sanii ka'ee socho'uu hin danda'u; eennullee yoo isa kadhate deebii hin kennuuf; yookaan eennuunillee badii irraa hambisuu hin danda'u.
Martinuu gowwootaa fi wollaaltota waan ta'aniif malee fakii muka irraa hojjatan irraa barumsa maal argatan?
Waaqolee tolfamaa sobaa ka biyya isaanii keessa jiran waan balleesseef Rabbi isaan biratti hin sodaatama; mootonni daangaa galaanaatii fi lafa bisaaniin marfamte keessa jiraatan maruu hulema jiranitti isaa sagadan.
Ayyaannan battiin hennaa isa argan maraa afoo isaatitti kufanii, «Ati Ilma Rabbiiti» jedha'aa iyyan.
Saanduundhi waadaa Rabbii biyya Filisxeemii keessa ji'a torba taa'e.
Fakii hantuuta hedduu ka biyya keessan haa balleessani'iif ergaman fakii iitaa kanniin hojjadha'aatii kennaa kanniin Waaqa Israa'eliitii kennu'uun ulfinna isaa kennaa'a; yoo waan kana gootan, maal laataa balaa isinii fi waaqa keessan tolfamaa lafa keessanillee ittiin balleessu isin irraa kaasaa.