Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 4:3 - Kitaaba Woyyuu3 Worri hafan hennaa gara qe'ee ufii deebi'an manguddoonni Israa'elii «Adha Rabbi maaf worra Filisxeemii jalatti nu kuffise? Saanduuqa waada'aa akka nu jidduu deemu diina keenna jalaa akka nu baasu, Seelo'oo haa finnuu» jedhan. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Rabbi akkana jedha, «akkuma abbaan manaa haadha manaa ufii hiikee ari'u Ani banii kiyya isin waan ari'e seetanii? yoo akkas ta'e woraqaan hiikka'aa meeti? akkuma namni huunjoo uf irraa qabuuf jedhee ijoollee ufii garbumma'atti gurguratu, ani waan isin gurguradhe seetanii? yoo akkas ta'e liqaa eennuutiif isin gurguradhe? isin sababaa cubbu'uutiif booji'amtan; wonti baqattaniif yakka ufii hojjattaniif.