3 Eeliin rafee uduu jiru, ibsaan mana woyyu'uu uduu hin dhaamne, Saamu'eel hulee saanduundhi waadaa Rabbii jiru keessa uduu rafee jiru,
Ganamaa fi galgala ciincaa Rabbii ciincawuu fi hixaana urgaawu aarsan; xoroshoo woyyoome gabatee qulqulluu irratti baattuu ibsa'aa ka worqii irraa hojjatamee fi ka waan ibsan irra kaayanillee halkan halkan akka ibsuuf qopheessan; nullee ajaja Rabbii Waaqa keennaa hin eenna; isin garuu isa dhiiftan.
Ani Rabbiin waan tokko kadhadha; isiillee hin barbaada; bara jireenna kiyyaa maraa mana Rabbii keessa jiraachuu; bareedaa fi ulfinna isaa maalalee inni godhu laalu'uu fi akka mana woyyuu keessatti isa kadhachuu danda'u.
Laagaan Rabbii qilxuu raasa; araddaa cira; maruu mana isaa woyyuu keessa taa'anii, «Ulfinni Rabbiif haa ta'u!» jedhan.
Ani garuu baay'inna araara keetiitiin gara mana keetii seena; si soda'aan gara mana woyyuu keetii sagada.
«Baattuu ibsa'aa worqii mishaa irraa hojjadhu; baattuun ibsa'aa luttinii fi soomayyuun isaa worqii tumame irraa haa hojjatamuu; qolli isaatii fi daraaraan isaa worqii irraa haa hojjatamuu.
Waan Rabbi gadaamessa isi'ii cufee tureef masaanuun isi'ii isii biibbeessa'aa aarsa'aanii turte.
Gaaf tokko Seelo'otti ciincaa dhiyeessanii haga nyaatanii dhuganiin maayessa Haannaan kaatee dhaabatte; hennaa san gadichi Eeliin balbala mana woyyuu Rabbii bira barcumaa irra taa'eera.