«Yaa Waandhana; waaqolee jiddu'utti Waandhi akka keetii eennu? ati Waaqa gaachenaan sodaatamtee fi ka maalalee hojjattee ka akka keetii eennu? ati Waaqa woyyumma'aan kabajjamtee ka akka keetii eessa jira?
Woyyichi baraa haga bara baraa jiraatu, ka maraa caalu, «Ani hulee woyyu'uu fi hulee ol aanu akkasuma worra gara laafeyyi'ii fi worra kasoo woliin jiraadha; wonti isaan woliin jiraadhuuf garaan isaanii ka gadde haarawoomsu'uu fi akka isaan kasoo ta'an godhu'uuf.
Isin hin nayinaa'a; hin sodaatinaa'a; Ani dur irraa jalqabee isinitti hin himnee? yookaan isinii hin ibsinee? isin waan kanaaf naa raga'a; ana malee Waandhi biraa hin jiraa? Ana malee irkoon jabaan biraa hin jiru»
«Ani hojjuma kiyya Waaqa akka ta'e; Anaa achi Waandhi biraa akka hin jirre beekaa'a; ani hin ajjeessa; hin jiraachisa; ani hin madeessa; hin fayyisalle'e; harka kiyya irraa ka isin hambisu hin jiru.
Rabbi anaaf dhagaa qarsa'aati; Inni irkoo kiyyaa fi ka na oolchu; Waandhi kiyya dhagaa qarsa'aa ka ani itti dhokadhu; Inni wontee kiyya; gaafa diina kiyya uf irraa dhoogguunii fi dawoo kiyya.
Rabbi Tissee kiyya waan ta'eef isa abdadha; Rabbi wontee kiyyaa fi gargaaraa kiyya; irkoo kiyyaa fi hulee ani itti dhokadhu; fayyisaa kiyya; ati hammeenna jalaa na oolchita.
«Yaa Waaqa Israa'elii samii gubba'aa fi lafa irrattillee Waandhi si fakkaatu hin jiru; garboota tee ta yaada guutu'uun si afoo jiraataniif waada'aaf araara kee isaanii eedda.