Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 10:3 - Kitaaba Woyyuu

3 Achii deemtee muka guddaa Taaboorii bira geetta achitti namoonni sadihii tokko ilmoolee re'iinii sadihi, ka lammeesso'oo daabboo sadihii, ka sadeesso'oo garuu qalqala daadhii woyini'ii qabatanii gara Beeteel mana Rabbii hennaa dhaqan si arganii,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 10:3
22 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

hulee san, «Beeteel» jedhee itti baase; qachaan sun duraan Loozaa jedhamti ture.


Dhagaan ani soodduu dhaabe kun mana Rabbii ta'a; waan ati naa kennite maraa keessaa kurneessoo sii kenna» jedheen.


Rabbi Yaaqoobiin, «Ka'ii gara Beeteelii bayii achi jiraadhu; Waaqa hennaa obboleessa kee Eesawuu jalaa dheessite sitti mudhateef hulee ciinca'aa qopheessi» jedheen.


ka'aa gara Beeteelii dhandhaa; achitti Waaqa hennaa rakkoo kiyyaa naa dhagaye, Rabbii karaa ani deeme marattuu na woliin ta'ee ciincaa dhiyeessaa» jedhe.


Ka kaabaa fi kibba uume si'i; Taaboorii fi Armoni'eem maqaa keetiin usheexxan.


Anaami'eel akkuma Rabbi dubbatetti gara kutaa worra eeguu hulee ani itti hidhamee dhufee «Ati lafa bitu'uuf seerri waan sii kennuuf biti» naan jedhe; sababaa kanaaf akka Rabbi natti dubbate beeke.


Wonti ciinca'aaf dhiyaatu hoolaa yookaan re'ee yoo ta'e korbeessa mudaa hin qabne haa ta'uu.


Kennaa midhaanii kudhan keessaa harka lamaa daakuu dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kennaa urgaayaa Rabbiif ibiddaan ciincawu haa ta'uu; kennaan waan dhuganiillee daadhii woyini'ii iifii tokko dhiyeessitan.


Kennaan yoo ka re'e'ee ta'e Rabbiin afo'otti dhiyeessa;


Kennaan ciinca'aa yoo waan fayyinnaatiif ta'e korbeessa hoola'aa yookaan hoolaa dhaltuu haa dhiyeessuu; inni sun ka mudaa hin qabne haa ta'uu.


Hennaa ciincaan galataa ka fayyinnaa Rabbiif dhiyaatu xoroshoo raacitii uf keessaa qabutu dhiyaata.


Sardiimii gara baya biiftu'uu, gara baya biiftu'uutiillee gara daangaa Kisilootitaaboritti naannayee,


Daangaan isaanii gara Taaboorii, Shaayisuma'aa fi Beetisaamiisiin gaya. Karaan daangaa isaanii Yoordaanositti baya; lafti isaanii gandoota woliin qachoota kudha jahaa qachoota didiqqaa naannoo isaanii jiran maraa wolitti qabata.


Ijoolleen Israa'elii ka'anii gara Beeteelii yaa'anii, «Ijoollee Biiniyaamiitiin lolu'uuf eentu nu afoo haa bawu? jedhanii Rabbiin gaafatan; Rabbillee, «Yihuudaan isin haa firrisuu» jedhe.


Ijoolleen Israa'elii yaa'anii Rabbiin afo'otti haga galgalaa booyan. «Nu'u obboleewwan keenna keessaa ijoollee Biiniyaamiitiin wol lolu'uuf lammeessoo hin duullaa?» jedhanii Rabbiin gaafatan; Rabbillee, «Isaaniin lolu'uuf bayaa'a» isaaniin jedhe.


Bara san saanduundhi Rabbii ka Waada'aa waan achi tureef, Finihaas ilmi Alaazarii ilma Aaroonii isa afoo dhaabata'aa waan tureef ijoolleen Israa'elii, «Ijoollee Biiniyaamii obboleewwan teennaan lolu'uuf lammeessoo hin duulla mo'o hin duullu?» jedhanii Rabbiin gaafatan. Rabbillee, «Ani boru waan isaan isin jala oolchuuf bayaa'a» isaaniin jedhe.


Ilmi Abini'eemii Baarqi akka inni gara gaara Taaborii ol baye Siisaara'atti himan.


Qaadesiin keessaa Niftaalemii fi ilma Abini'eeminii Baarqiin waamtee, «Rabbi Waandhi Israa'elii ‹Deemii gara gaara Taaborii ol bayi; «Ijoollee Niftaalemiitii fi ijoollee Zaabiloonii keessaa namoota kuma kudhanii fudhadhuutii,


Kanaan maayessa Geedewoon Zaabiheelii fi Silmaana'aan, «Namoonni isin Taabooritti ajjeeftan namoota attamii turan?» isaaniin jedhe. Isaanillee «Namootuma akka keetiiti, sima fakkaatanille'e; bifti isaaniillee akka bifa ijoollee mooti'iiti» jedhanii deebisaniif.


nagaya si gaafatanii daabboo lamaa sii kennan; atillee isaan irraa fudhatta.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ