27 Ammo hataatu, inni tisse worra tolche, qoraani ch'absise, bisaani worra Israelitiifi huji sorioti woraabsise. Haga arrale worri hujuma fulla AABBO Waaqi fohate hojata.
Nu gaareeni Lebanoni ira hind'eesa atini feetu ch'ufa ch'irre wolti hiine, baariiniti jissina, aka bisaani baariini suni fuud'ani, dira Yafatini d'ufani. Duuba arti atini dandeete Yerusalemuti geefata.
Qooda duula suni keesa, d'iba shani keesa toko, nama taanaani, looni taanaani, harre taanaani, hoolafi laleesa taanaani, damoosa AABBO Waaqaa baasa.
Qooda gumi kaanile, shantama keesa toko, nama taanaani, looni taanaani, harre taanaani, hoolafi laleesa taanaani, fuud'a, worra Lawi ka huji Waaro Woyyuma harkaa qabu, kenna.
Qooda kana ch'ufa keesa Musani, shantama ch'ufa keesaa, namafi saale toko fuud'e, akuma AABBO Waaqi isaani jed'e, worra Lawi, ka huji Waaro Woyyuma harkaa qabu, kenne.
AABBO Waaqa fulla toko ch'alla ta iti kad'atani fohata, achiti waan anini kootani isaaniini jed'e, d'ufuuni maltani: sorio gubanifi sorio d'ibile, qooda Waaqa baasanifi waan d'ibi ka baasanile, ammalle waan isani Waaqa kennina jettani kakhatanile.
Fulla AABBO Waaqi, lafa gosa teesani toko keesaa fohatu, ch'allati baasa. Arti ch'allati sorio teesani ta gubani baaftani waan d'ibi ch'ufa ka anini isaniini jed'e tolchitani.
Lafa gosa teesani ch'ufa keesaa, AABBO Waaqi fulla toko, ta gumiini isa dura d'ufte isa kad'atu, fohata.
Duuba jaaroleeni waan jette worra boojine worri qoraani nuu ch'abse bisaani nuu d'aqa.
Duuba Yoshuani worra duu d'owe, harka Israeli keesaa baase.