Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.
Hayyooti galaana Yordanitini ila adu, ta lafa golbo ta gaareeni: teetufi ta afaani baariini gudda haga lafa Lebanoni teetuleeni. Hayyooti Hititifi ta Amoritifi ta Perezitifi ta Hivitifi ta Yebusileeni waan kana d'ageete,
Tanaafi anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u: Anini duri aka worraafi gochiti tante haga jiru jireenna qaallu naa tatu kakhad'e. Ammo anini amma aka suni ya dide! Anini amma nama na guddisu guddise ammo nama ch'eera naa d'abu tufad'a.