4 Wonti Yoshuani worra qabanqaba qabeefi tana: Nami d'iira ka lola guutu, ka lafa Misiri keesa bahe yayu karaati lafa aloo keesati hobae.
worri kunini nami tokoleeni ka iraa hafe lafa tana seenu injiru. Worri guddinna kiyya ka bibiliqufi akheekha waan mama ka anini lafa Misiritiifi lafa aloo keesati tolche ya arge. Ammo worri maro heddu na ilaalate na ch'aqasu dide.
Ammo taatule Waaqi worrati dalane, reefi worraa lafa aloo ch'ufa keesa firfirfame.
Gaafi kunini ganna sodomi saddeeteesoti, haga nu Kadesh-Barnea baane, akuma AABBO Waaqi jed'e kaani, nami duula d'aqu dandau ka d'aloota suni ch'ufti hobae.
Eegi worri ch'ufti due
Duuba Yoshuani akuma AABBO Waaqi jed'eeni tolche worra Israeli qabanqaba qabeefi fulla gaara qabanqaba jed'aniti.
Ato nama lafa Misiriti bahe qabanqaba qabanifile nama lafa aloo eegi lafa Misiri keesaa bahani karaati d'alate taka qabanqaba inqabneefi.