3 Duuba Yoshuani akuma AABBO Waaqi jed'eeni tolche worra Israeli qabanqaba qabeefi fulla gaara qabanqaba jed'aniti.
Jennaani Ziporaani d'akha qara qabu fuute much'a isii qolofa iraa kute miila Musatiini tut'e waan jette, D'uguma, atini naa d'iirsa d'iigaati.
Jennaani Yesoni waan jara ufitiini jed'e, Yo nami tokoleeni na gula deemu fed'e ha ufi mormate, maskali ufi baate na gula deemuti.
Gaafasi AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, D'akha guraacha jajaba haadu mid'aasi worra Israeli ka qabanqaba inqabatini qabiifi.
Wonti Yoshuani worra qabanqaba qabeefi tana: Nami d'iira ka lola guutu, ka lafa Misiri keesa bahe yayu karaati lafa aloo keesati hobae.