Yoshua 24:7 - KITAABA WAAQA7 Jennaani ababooti teesani AABBO Waaqati boonnani inni jiddu worraatifi worra Misiri dukana kaye, bisaani galaana worra Misiri ira deebise. Isanileeni waan suni ya argitani. Isani lafa aloo ta gamooji ganna heddu teetani. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.
Wonti akanatiifi worri Israeli ganna afurtama lafa aloo keesa godaane, duuba nami ch'ufti, yokhaani nami lola guutu ch'ufti, ka lafa Misiri keesa bahe, waan qonqo AABBO Waaqa inch'aqasinifi raawate. Akuma Waaqi jed'e worri suni lafa aananifi dammi aka lolaa yau ta Waaqi ababoota worraati kakhate inagarre.