30 Jennaani lafa inni d'aale Timnath-Sera, lafa gaareeni Efraimu ta gaara Gaashitini mirgati isa awaalani.
Akuma AABBO Waaqi jed'e, dira inni kad'ate, Timnathi Sera, ka lafa gaareeni Efraimu keesa jiru isaa kennani. Inni dira suni ka qara hammate — jaare keesa qubate.
Eegi suni hojattuuni AABBO Waaqa Yoshuani, ilmi Nuni, ganna d'ibbafi kud'aniti due.
Duri namicha tokoti jira, ka Mika jed'ani, ka lafa gareeni ta Efraimu keesa tau.
Worri Achi kae, mana Mika, ka gaareeni Efraimu keesa jiru, d'ufe.
Duuba lafuma isaa ta qooda kennanifi keesati isaa awaalani, ta maqaani isii Timnathi Heresi jed'ani, lafa gaareeni Efraimu, ta gaara Gaashitini mirgaa.