24 Duuba biyyiti waan Yoshuani jette, Nu AABBO Waaqa keenna hojanne dubbi isaa gula yaana.
lalabani, Waaqa durati kakhatani, iyyaani, magalata d'aani waan jed'ani, Nu wold'aqisa kana inguunna.
Worri ch'ufti woligale waan jed'e, Waan AABBO Waaqi jed'e ch'ufa intolchina. Duuba Musani qonqo worraa ch'ufa AABBO Waaqati deebise.
Musani deebie seerafi gorsa AABBO Waaqi jed'eeni ch'ufa worrati hime. Nami ch'ufti qonqo takaani jalaa qabe waan jed'e, Waan ch'ufa ka Waaqi jed'e intolchina.
Jennaani inni kitaaba wold'aqisaa ka aada AABBO Waaqaa keesati t'aafani fuud'e qonqo olfud'ate biyyaa soome. Worri waan jed'e, Nu waan AABBO Waaqi jed'e guunne tolchina.
Yo isiini waan dansaafi hamtule taate, nu waan AABBO Waaqi keenna, ka iti si erginu, jed'u intolchina. Yo nu waan inni jed'u tolchinu wonti ch'ufti nuu tolti.