AABBO Waaqi irre jabdu na qorqorattu; inni ya na baase. Waan inni Waaqa abba kiyyatiifi anini isa faarsa. Waan inni Waaqa abba kiyyatiifi anini isa guddisa.
Gaafasi nama kud'ani, ka gosa gosa, nama Yahudi tokoti d'ufe waan jed'uuni, Waan nu d'ageenne, Waaqi isani woliini jira, tanaafi isani woliini yau feena.
AABBO Waaqi keenna nuufi ababoota teenna tissooma lafa Misiri keesaa nu baase, nuleeni waan mama ka inni tolche ila teennaani argine. Ammalle gaafa nu lafa gosa heddu tana keesa godaanele inni godanna keesa aka heddu nu qorqorate.