22 Jabaani Waaqa! Inni AABBO! Inni waan nu akana taanefi imbeekha nuleeni aka isani beetani feena! Yo nu AABBO Waaqa d'ugefachu lakimne isa gula yau dinne, arruma nu hobaasa!
kad'acha isaa d'agayifi. Mana kanke ka gubbati worra ch'aqasi, araaramifi, qarqaari. Si ch'allaati herega nama ch'ufa beekha, tanaafi nama ch'ufa waan isaa male tolchiifi,
Anini ya Waaqa durati ch'ubbu tolche, tanaafi dallansu isaa obsu male, haga inni naa dubbate d'uga na muruuti. Inni ifsatiini na d'ufe baafama na garsiisa.
AABBO Waaqi keesani Waaqa Waaqa ch'ufa ira jirufi jabeenna, jabeenna ch'ufa ira jiru. Inni gudda jaba ka nami sodaatu: ka nama gargari infillee yokhaani ka gumbo inyaanne.
Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.