14 Jaaroleeni gugurdooni, nami kud'ani, gosa ila adu keesaa toko tokooni, ammalle ta isiini ch'ufti namu balbalafi worraleti mataa, Finehasi woliini yaani.
Musani nama inni abdate jajaba worra Israeli keesaa file, mata nama kuma toko taanaani, nama d'ibba toko taanaani, nama shantama taanaani, nama kud'anile taanaani tolche.
Hojja huji suni hojattani, nama balbala toko mataa gosa ch'ufa keesa, ka isani wahelchu, fohad'a.
Lafa Gileadi, fulla worri Reubenitifi ka Gaditifi ka Manase ka ilaboru jiruni d'ufani waan jed'aniini,