6 Aka qoodi torbaani sunini jiru t'aafa, natiini koota, Duuba anini hit'a AABBO Waaqa keenna durati isanii buusa.
waan jed'eeni, Anini lafa Kanaani sii kenna, isiini hand'ura kanke taati.
Nami hit'a buufate waan iti deemu laala, ammo wonti ch'ufti AABBO Waaqaani, taati.
Hojja nami gugurdaani lama kora keesati wold'abe, hit'aa buusani ch'allati worra gargari baasa.
Lafa suni hit'aani qoodad'a, gosafi balbala teesani gula: qooda gudda balbala guddo kenna, qooda diqa balbala diqo kenna.
Jennaani Musani waan worra Israelitini jed'e, Tunini lafa isani hit'aani argattani, ta AABBO Waaqi gosa sagalifi gosa Manase ta haga gariti kenne.
Inni gosa torba lafa Kanaani keesaa balleese, gumi ufi abbooti lafaa tolche.
Akuma AABBO Waaqi Musani jed'e, lafa gosa sagalitifi gosa Manase ta haga gari ta Yordanini ila adu hit'aani argatani.
Duuba Yoshuani AABBO Waaqa durati hit'a worraa buuse, gosa Israeli ta qara lafa inargatini lafa qoodeefi.
Gochiti Lawi isani keesaa qooda inqabdu; wonti akanatiifi qoodi worraa huji qaalluma ta AABBO Waaqa. Ammalle d'uguma gochiti Gaditifi ta Reubenitifi ta Manase ta ilaboru yayu lafa hojattuuni AABBO Waaqa Musani worraa kenne qara fud'atte.
Jennaani Yoshuani worra qutuma d'au kaani, ato worri inkaini, wolti yaame, waan jed'eeni, Lafa ch'ufa keesa yaa, qutuma d'aahad'a, nati dachaa. Duuba anini lafa Shilo tana keesati, AABBO Waaqa durati, hit'a isanii buusa.