Eegi suni isiini ijoolle d'iira lama d'alteefi: Shaafu, ka dira Madmana jaareefi Sheva ka dira Makbenaafi Gibea jaare. Ilmaani tana male Kalebuni intala Aksa jed'ani toko qaba.
Nami waan suni keesa injirre Kalebu ilma Yefune ka gosa Kenisitifi, Yoshua ilma Nuni ch'alla; jara kana lamaani ch'allati garaa tokooni AABBO Waaqa gula yae.