Eegi suni isiini ijoolle d'iira lama d'alteefi: Shaafu, ka dira Madmana jaareefi Sheva ka dira Makbenaafi Gibea jaare. Ilmaani tana male Kalebuni intala Aksa jed'ani toko qaba.
Jennaani waan woliini jed'ani, Nama kana laala aka inni nu ch'ompifatu; hayyichi keenna Sauloni nama isa ijeese waan guddo kennaafi intala ufile fuusise worra isaani damoosa ira imfud'ani jed'e.