6 AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, Worra kana insodaatini, bori hojja tana anini ya worra harka Israelitini hobaase. Fardoole worra mogolcha gaari worrale guba.
Daudini askarti isaa nama kuma tokofi d'ibba torba ta fardatifi ammalle nama kuma diddama ta miilaani yaatu qaba. Inni farda gaari hirkisu ka d'ibba toko gahu lakise ka ira hafe ch'ufa nanaafise.
Elishani waan jed'eeni, Insodaatini, nama gama keennati ka worraa ira jira.
Bori, hojja worri kaarra Sisitini olbahu, had'a. Isani fulla muumme bale ta lafa aloo ta d'aatu Yerueliti aantuti worraani baatani.
Inni waan jed'u woli had'u lakisa, aka anini AABBO Waaqa beekha. Gosa ch'ufafi lafa ch'ufa keesaleti na guddisani.
AABBO Waaqi guddaani nu woliini jira, fullaani nu iti baqannu Waaqa Yakobooti.
Inni lafa ch'ufa keesa nama woli had'u d'owe, guube ch'ach'abse, woraana balleese, wontele guba.
Nami d'ugaa qajeelani wollaala intolchu, ilmaani isaaleeni takaa tana eeba argatti.
Waan nani jettani, Hiyo! Akasiniti nu nyaapa keenna dura fardaani baqanna. Inuma baqattani! Mala keesani, fardi keesani guddo oria, ammo worri isani reebu fardooleeni worraa hagasi ira oriiti.
Nama lafa Misiri qarqaarsa kad'achu d'aqu ya bade! Worri fardaafi gaari fardi hirkisufi askarti worraa heddu abdata. Ammo AABBO Waaqa Qulqullo Israeli, inabdatani, yokhaani qarqaarsa inkad'atani.
Worri dira Israeli keesa tau miha lola ka nyaapi iraa raawate kaani guure qoraani ibidaa tolfata. Worri wonteefi guubefi t'iyafi woraanafi boku ch'ufa guure ibidaani bobeese haga ganna torba qorani tolfata.
Worri Ashuru dandae nu imbaasu, ammalle fardi lolaleeni dandae woma nuraa ind'owu. Nu iti deebine waan harka keennaani boch'ine waaqa jenne inkad'annu. Ee AABBO Waaqa, nami hiyyeeyiini naasu iraa argatu siuma.
AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini ya siti nyaape; amma gaari keesani ka fardi hirkisu inguba. Nama keesani ka duulaa lola keesati fit'ani; ammalle anini waan worri biyya ira saame ch'ufa iraa fuud'a. Waan irre teesani deebiani lafa keesati ind'agayani.
Gosa ch'ufa ka AABBO Waaqi keesani harka keesaniti kennu balleesa diqole inahiinaafi. Waaqa worraa inkad'atiina, yo kad'attani ya t'urura keesa buutani.
AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, Worra diqole insodaatiina. Anini worra yayu harka keetiti kenne worri tokoleeni ka si dura eju injiru.
Hayyooti tunini ch'ufti askarti isii woltuni d'ufte, fulla bisaani Meromuti wolti baate qubatte, aka worra Israeli haatu.
Duuba Yoshuafi askartini isaa ch'ufti bisaani Meromuti tassa worrati d'ufte haate.
Yoshuani akuma AABBO Waaqi isaani jed'e tolche: Fardoole worra mogolche gaari worrale gube.
Duuba Yoshuani waan biyyaani jed'e, Ufi qulqulleesa, wonti akanatiifi AABBO Waaqi bori waan mama jiddu teesaniti tolcha.
Halkani suni AABBO Waaqi waan Gideonini jed'e, Kai, olla suni had'i; anini yayu worra harka kanketiti kenne.
Duuba waan ergattu Yabeshitini jed'ani, Waan isani worra keesanini jettani, Bori, ato aduuni gubba ind'ufinu nyaapa keesani duraa isani baasani. Worri Yabeshi d'aamsa suni d'agaye jennaani aka male gammadani