11 Worri nama arti keesa jiru tokole illakimne, ch'ufa fit'e dirale gube.
Ammo yo dira lafa AABBO Waaqi isanii kenne, haatani qabdani waan maqa nama fakaata tokole inhambisina ch'ufa fit'a.
Looni ch'ufa fud'anne, ammo dira sigisine daaraa tolchine biraa yaane.
Ammalle hojja AABBO Waaqi keesani worra kana harka keesaniti kenne isani worra dabsattani. Worra ch'ufa haguma worri gahunu balleesuu maltani. Wold'at'ani golli woli intahina, diqole worraa innahina.
Akanaani Yoshuani lafa suni ch'ufa dabsate. Inni lafa gaareenitifi ta Negebutifi ta lafa golbootifi ta lafa gamoojile dabsate; inni tokole illakimne, ch'ufa fit'e, akuma AABBO Waaqi Israeli isaani jed'e kaani.
Goraade ufiitini worri nama dira suni keesa jiru ch'ufa fit'e diqaafi guddafi d'iiraafi nad'eenile. Ammalle worri looni, ree, harrele ch'ufa fit'e.
Worri dira kaani ibida iti kae, waan keesa jira ch'ufa ka worqifi qarsiifi sibiila diimafi guraachani mid'aasani male ch'ufa gube. Ammo worqifi qarsiifi sibiila diimafi guraachale fulla miha AABBO Waaqa iti olkayaniti olkayani.