25 Duuba waan jara isaatini jed'e, Insodaatiina, garaa ilaafina: ammo garaa jabaad'a, wonti akanatiifi AABBO Waaqi akanuma nyaapa keesani ch'ufa tolcha.
Nami na ijeesuu fed'u boola ekherati deema.
Ee AABBO Waaqa, anini huji tante guddo inqaabad'a; waan mama ka atini duri tolchite ch'ufa ufi qaabsisa.
Hiyyo, waan kana ch'ufa nu maro nama nu jaalatuufi dabsanna!
Inni gaargala duisa kana keesaa nu baase, hegerile nu baasa; nuleeni abdi teenna isa ira keyanne aka inni ammalle nu baasu,
Dubbi buufata, Aabbo keesa jabaad'a, irre isaa guddooni.
Gaargala hama isani ila teesaniini gartanifi waan jabdu ka mamatiifi irreefi harka jaba AABBO Waaqi isaaniini baase qaabad'a. Akuma inni worra Misiri gaafasi balleese, akasuma worra isani sodaattani kana ch'ufale balleesa.
Ilaafini garaa jabaad'i wonti akanatiifi siti worra kana dura deeme, lafa duri anini ababoota isaani inkennaafi jed'e kennaafi.
Anini qara ilaafini, garaa jabaad'i siini injenne? Sodaate garaa ilaafini, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi kanke, fulla atini deemtu ch'ufa sii wahelcha.
AABBO Waaqi waan Yoshuani jed'e, Worra diqole insodaatiina. Anini worra yayu harka keetiti kenne worri tokoleeni ka si dura eju injiru.
AABBO Waaqi ka qeench'a nyeench'atiifi ka gorjama jala na baasu harka namicha Filisti kanale jaaluma na baasa. Jennaani Sauloni waan jed'eeni, Beeni, AABBO Waaqi si qarqarina.