43 Tanaafi gumiini maro isatiifi gargari qoodamte.
Anini ilmaafi abba wolti naqa d'ufe, intalafi haad'ale; niiti ilmaatiifi haad'a isaale;
Waan anini nagaya lafaani d'ufe seetani? Hiyyo, akasiiniti, ammo nama gargari baasu d'ufe.
Ammalle maro dubbi tanaatiifi Yahudiini gargari baate.
Guddo biyya keesati gungumani maro isatiifi, Nami gari waan jed'e, Inni nama dansa, hagi toko, Akasiiniti, ufuma nama soba jed'e.
Farisayo keesa nami gari waan jed'e, Namichi kunini, ka waan kana tolche, gara Waaqaati ind'umne, maro inni seera Sabato inguunneefi. Ammo ka gari waan jed'e, Nami daba qabu akami dandae waan akana kana tolcha? Jennaani gargari bahani.
Biyyiti dira suni gargari qoodamte, ta gari Yahudiini wold'at'e, ammo ta gari ergattuuni wold'at'e.