4 Nami tokoleeni ka wo d'ossaani tolchu injiru, yo aka nami beekhu fed'e. Yo atini waan kana tolchitu, biyya ufi garsiisi!
Namichi Mikaya yaamu d'aqe kaani waan jed'eeni raagooti taani ch'ufti yayu afaani takaa dubbate waan dansa hayyu fadde, atinileeni akasuma waan dansa dubbatte hayyu fagu malte.
Waan ch'ufa aka nami worra argu tolchani. Qud'aami worri addafi harkati hid'atu waan gugurda, handaari woya worraleeni waan d'ed'eera.
waan jed'eeni, Yo atini Ilma Waaqa taate, arma ufi gadi d'iisi, wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Inni malaika ufi sii baasa, isiini harka isitiini oli si qabdi, aka d'akhaani miila kanke ind'oomne.
Yo Waaqa kad'achaafi agabdani, fuula iyakatiina, aka worra kiyyiba. Worri fuula yakata, aka agabu worraa nami argu. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.
Yo Waaqa kad'attani, aka nama kiyyibu intahiina! Wonti akanatiifi worri Maneeni Waaqa iti kad'atani keesafi d'aatu kara ejaanjani kad'achu fed'ani, aka nami worra argu. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.
Nami dansaani dansooma garaa ufi keesa jiru keesaa waan dansa baasa; nami hamaleeni hameenna garaa ufi keesa jiru keesaa waan hamtu baasa. Wonti akanatiifi waan garaa jira arabi dubbata.
Yesoni waan jed'eeni, Anini diideese nama ch'ufaati dubbad'e, anini guyya ch'ufa maneeni Waaqa iti kad'ataniifi Mana Waaqa gudda keesaleti fulla Yahudiini iti wolwoldeetuti barsiise, d'ossaani woma indubbanne.
Duuba oboleyaani isaa waan isaani jette, Armaa kai, Yudea d'aqi, aka jari kankeleeni huji atini tolchitu argu.
(Wonti akanatiifi oboleyaani isaleeni isa ind'ugefanne.)