Qaalole gugurdofi jari Seera beekhu akasi d'ageennaani kara isaani ijeesani malatani. Ammo maro gumiini ch'ufti barsiisa isaa maadefatteefi isa sodaatani.
Qaalole gugurdofi jari Seera beekhuleeni isa qabu fed'ani hojuma suni, ammo biyya sodaatani; wonti akanatiifi aka inni mammaasa kana worraafi jed'e imbeekhani.
Dubbi tana Yesoni mana hori keesati olkayani keesati jed'e, ato Mana Waaqa keesati wo barsiisu. Nami tokoleeni isa inqamne waan guyyaani isaa qara ingayiniifi.