18 Nami qalbi ufiitini dubbatu guddinna barbaada. Ammo anini ka guddinna Waaqa na erge barbaadu ka d'ugaati; ammalle na keesa d'arti injirtu.
Dammi nyaatani ufira dabarsani hama, ammalle akasuma nami aka guddo nami isa owisu fed'uleeni dansaaniti.
Musani waan jed'eeni, Atini waan worri kunini tahe ira hameenna agarta? Yo sila taate anini aka AABBO Waaqi lubbu isaa nama ch'ufa ira buuse aka raaga iyyisisu fed'a!
Aki kad'atani akana: Aabbo keenna ka gubba jirtu, maqa kanke qulqullo ha guddisani;
Ammo Yesoni akasi d'ageennaani waan jed'e, d'ukubi kunini ka duatiniti, ammo wonti woni kunini taateefi aka akasiini Waaqa guddisani ilmi isaaleeni guddinna argattu.
Aabbo, maqa kanke guddisi! jed'a. Jennaani qonqooni toko gubbaa d'ufte waan jette, Anini yayu guddise, ammalle iti deebie guddisa jette.
Wonti akanatiifi worri saadu Waaqa iraa ta namaa fed'a.
Anini guddinna nama iraa imbarbaadu.
Yesoni waan jed'eeni, Yo anini ufi saade, saaduuni tiyya woma imbaatu. Ammo Aabbooti na saada, ka isani Waaqa keenna jettaniini.
Nu nama nu faarsu, isanifi nama d'ibile imbarbaanne,
Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.
Yo isani aka Kristoni d'uga beetani, aka nami waan d'uga tolchu ch'ufti ijoolle Waaqa beetani.