17 Yo nami fed'i Waaqa tolchu fed'e, aka wonti ani barsiisu gara Waaqati baate yokhaani anumaani dubbad'u gargari imbeekha.
Qalbi tiyya ch'ufaani anini si barbaada; seera kanke iraa goru na d'owi.
Nami AABBO Waaqa sodaatu eenu? Waaqi nama akasi suni kara fohateefi agarsiisa.
AABBO Waaqi nama isa sodaatu jaala tahe wold'aqisa inni worra woliini tolfate jabeesa.
Nami waan hamtu tolchu d'uga imbeekhu, ammo nami AABBO Waaqa gula deemu aka dansa waan isii hubata.
Wonti akanatiifi AABBO Waaqi nama hameenna tolchu jibbe, nama d'uga tolchu wahelfate, d'ossani woi iti hima.
Kara gudda tokoti achi jira, ka kara Qulqullooma jed'aniini. Nami ch'ubbu qabu, ka kara suni suni gula deemu injiru, daalleleeni nama kara suni gula deemu iraa ingorsitu.
Nami hedduuni qulqullae aabo womatu d'aba, ammo namnami hamamani woma inhubatu, hameennuma sunini taa; ammo nama qalbi qabu ch'allaati hubata.
Koota, jabaanne aka dansaa AABBO Waaqa baranna. Inni akuma lafti bariitu yokhaani akuma ganni woga gula roobu nuti d'ufa.
iti yaate waan jettu, Koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre Mana Waaqa Yakobo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaa gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.
Ammo isani, worra maqa kiyya sodaatu, d'ugaani tiyya aka adu isaniti ifsite, kayyoni isii isani jireesiti. Duuba aka yabbiye d'oqoba keesaa banani buraat'ani.
Ilti ifsa nafaati. Yo ilti tante dansaa taate, nafi kanke ch'ufti ifsa qaba.
Mid'aani biyye dansa keesa jigani suni jara dubbi d'ageennaani garaa d'ugatiifi dansaani qabate obse mid'aani baasu fakaatani.
Ammo nami waan d'uga tolchu ifsati baha, aka akasiini maro inni Waaqa saalfateefi hujiini isaa mullatu.
Isani maafi dubbi anini jed'e suni inhubanne? Woni isani inhubanneefi dubbi tiyya diqole d'agayu imfeetani.
Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.
Nami Waaqaa dubbi Waaqaa d'agaya, waan kanaafi isani ind'ageenne, waan isani ka Waaqaa intahiiniifi.
Worri lafa suni worra Thesalonike ira dansa. Dubbi Waaqa qalbi dansaani ch'aqasani, t'aafi guyya ch'ufa keesa barbaadani, aka wonti kunini d'uga ilaalani.