Eegi suni Yesoni namicha kaani Mana Waaqa keesati arge waan jed'eeni, Me ilaali, la fayyite. Iti deebite daba intolchiini, aka waan hagana ira hamtu inarganne.
Ato Yesoni Mana Waaqa keesati nama barsiisuu jiru, inni qonqo olfud'ate waan jed'e, Isani d'uguma na beetani? Ammalle fulla anini bahefile imbeetani? Anini ufiini ind'umne, taatule Waaqi na erge ka d'ugaati, isani isale imbeetani.
Dubbi tana Yesoni mana hori keesati olkayani keesati jed'e, ato Mana Waaqa keesati wo barsiisu. Nami tokoleeni isa inqamne waan guyyaani isaa qara ingayiniifi.