Ato laafinnaani maskali gubbati isa ijeesanile, jabeenna Waaqaatiini amma jira. Nuleeni isa keesa lalaafo; ammo jabeenna Waaqa ka gara keesani jiruuni isa woliini teenna.
nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.