7 Namichi fayya inqamne kaani waan jed'eeni, Aabbo, anini nama yo bisaani woch'ani keesa na buusu inqabu; ato anini iti hirkifad'u, nami d'ibiini na durati seena.
Hojja anini ufi bira millad'u, nama na qarqaare na qorqoratu inargu. Nami tokoleeni waan kiyya iyyaalu.
Inni hiyyeesa isa yaamatufi nama qarqaarsa inqamne, ka nami d'ibiini lakise, baasa.
Yerusalemu keesa, d'aatu Fullo Ree jed'ani, haro tokoti jira, ta daargula shani qabdu, ta afaani Ebraniatiini Bethzatha jed'ani.
Achi keesa gumi nama fayya d'abeefi ballafi naafafi ka kokotaeti ch'iisa. [Aka bisaani woch'ani eegani,
waan maro gari malaikaani Aabbo haro suni keesa seente bisaani woch'isifitufi, nami fayya inqamne ka eegi bisaani woch'ani qara haro suni seene d'ukuba taatefu infaya.]
Yesoni isa arge, aka inni guyya heddu achi ch'iise beennaani, Fayyu feeta? jed'e gaafate.
Gaafa duri nu qarqaarsa inqamne, Kristoni maro worra dabaatiifi due, guyya Waaqi fohate.
Woldogoomsu keesa nama hedduti oria, ammo toko ch'allati wo argata. Akasi imbeetaniyu? Aka wo argattani utaala duuba.
AABBO Waaqi hojja aka irreeni gumi isaa laafte argu worra baasa; ammalle hojja laafinna worra isaa hojattu argu innahaafi.