Nami tokoleeni nara imfud'atu, ammo ani ufumaani baasa. Anini jabeenna baasuuni qaba, ammalle ka deebie fud'ad'uuni qaba. D'aamsa kana anini gara Abba kiyyati argad'e jed'e.
Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.
ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.
Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.
Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.