Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Yohana 5:26 - KITAABA WAAQA

26 Akuma Abbaani jireenna ufi keesaa qabu, akasuma inni Ilmale tolche aka jireenna ufi keesaa qabaatu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Yohana 5:26
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Atini madda jireennati, maro ifsa keetitifi nu ifse agarra.


Ato gaareenifi lafale inuumiini, atini Waaquma, ammalle haga jiru jireennale Waaqa.


Waaqi waan jed'eeni, ANINI ANUMA. Wonti atini gosa Israelitini jettu tana: ka ANUMA jed'aniti gara keesani na erge.


Ammo AABBO Waaqa, atini Waaqa d'ugaa, atini Waaqa jirufi hayyu haga jiru jireenna jiru. Hojja atini dallantu, lafti inchochooti, gochitileeni dallansu tante dandeete inoobsitu,


Isa keesa jireenna jira, jireenni suni ifsa namaati.


Nami tokoleeni nara imfud'atu, ammo ani ufumaani baasa. Anini jabeenna baasuuni qaba, ammalle ka deebie fud'ad'uuni qaba. D'aamsa kana anini gara Abba kiyyati argad'e jed'e.


Yesoni waan jed'eeni, Ka kaasufi ka jiraachisu ana; nami na d'ugefatu, yo duele, injiraata.


Nami ato jiru na d'ugefatu haguma jiru induu. Atini akasi d'ugefatta?


Eegi bulti diqo nami lafa deebie na inargu, ammo isani na agartani, waan anini jiruufi isanileeni injiraattani.


Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.


Yesoni waan jed'eeni, Yo sila atini galata Waaqaa beete ammalle nama bisaani si kad'atu kana beete, bisaani jireenna isa kad'atta.


Akuma Abbaani kiyya ka jireenna qabu na erge, anileeni maro isatiifi jiraad'u, akasuma nami nafa kiyya nyaatuleeni maro kiyyafi jiraata.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Yo nami dubbi tiyya jabeese, nami suni induu.


Yokhaani harki nama isa inyaachisu, aka waan inni wo fed'u. Wonti akanatiifi inni jireennafi hafuura nama ch'ufaa kenna.


Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu: Nama qara, Adamu, nama jiru uumani; ammo Adamuni muumme lubbu jireenna namaa kennitu.


Gara Hayyu haga hegeri tau, ka indoonefi ka imullanne, Waaqa tokocha, guddinnaafi ulfinni ha isaa tahu, ammafi hegerile! Amini.


Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.


ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.


Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.


Malaikaani ammalle galaana bisaani jireenna naa garsiifte, ka guddo bibiliqu, ka fulla barch'uma guddinna Waaqatiifi Ilme Hoolati d'ufe.


Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.


wonti akanatiifi Ilmeeni Hoola ta jiddu barch'uma guddinna jirtu worraa tissite, gara bisaani jireenna geesiti; duuba Waaqi imimaani ch'ufa ila worra iraa haaqa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ