Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Yohana 5:23 - KITAABA WAAQA

23 aka nami ch'ufti Ilma guddisu akuma Abba guddisani. Nami Ilma inguddimne Abba isa erge eesaa fuud'e guddisa?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Yohana 5:23
47 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

holad'a, isa durati ga jejed'a; aka inni hurre isaniti dallane, isani yoosu indoone. Ayyaana worra AABBO Waaqati d'eete qarqaarsa ira barbaaduti.


Anini AABBO, maqaani kiyya sunuma! Anini guddinna kiyya waaqa d'ibii inkennu. Faaru nani faarsani waaqoota d'araatiini infaarsani.


AABBO Waaqi, ka worra Israeli fide qorqoratu, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Anini ka qarati, ammalle ke eegeti, ana male waaqi d'ibiini tokoleeni injiru.


Waaqi Israeli, ka gumi ufi baasu, Waaqa ufi d'ossu.


Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.


Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.


Nami abbaafi haad'a ufi nara jaalatu naa himmalle; ammalle nami ilmaani ufi nara jaalatu naa himmalle.


Waan ch'ufa Aabbooni ya harka kiyyati kenne. Abba male, nami Ilma beekhu injiru, ammalle nami Abba beekhu injiru, Ilmaafi nama inni iti mullisu fed'u male.


Biyyiti tunini afaanumaani na guddifti, ammo garaani worra nara fago jira.


Tanaafi fulla ch'ufa yaa, gosa ch'ufa nama kiyya tolcha: maqa Abbaatiifi ka ilmaatiifi ka Lubbu Qulqullotini aada batiso namaa kenna,


Nami isani d'agayu nale d'agaya, ka isani didu nale dida; ammalle ka na didu nama na erge dida.


Garaa keesani keesa ingaargaliina. Waaqa d'ugefad'a, akasuma nale d'ugefad'a.


Isiini na guddifte waan kiyya fuute isani agarsiifti.


Wonti kiyya ch'ufti keti, wonti kankeleeni kiyya; guddinni kiyya worra keesa mullata.


Tanaafi anini gara gumi Rumi keesa jirtu ta Waaqi jaalate nama ufi tolfateti t'aafa: Waaqa Abba keennatiifi Aabbo Yeso Kristoni nagaya isanii kennina.


Ammalle Isayani waan jed'u, Nami d'aloota Yese ind'ufa; inni olkaeti gosa d'ibi fida; isiini abdi ufi isa gubbaa keyatti.


Ammo amma isani ya daba jalaa baatani tissele Waaqaa taatani; maro waan kanatifi amma jireenni keesani ch'ufti qulqullo, eegi tana jireenna hegeri argattani.


Ammo isani herega nafa gula iyaatani, ammo herega Lubbu gula yaatani, yo d'uguma Lubbuuni Waaqa isani keesa jiraatte. Nami Lubbu Kristo inqamne ch'ufti ka isaatiiniti.


Waaqa Abba keennafi Aabbo Yeso Kristoni eebafi nagaya isanii kenniina.


Duuba waan tolchitani ch'ufa, yo nyaattani d'uuddanile, maro guddinna Waaqaatiifi tolcha.


Nami Aabbo injaalanne ch'ufti ha abaaramuuti! Maranatha — Aabbo keenna, kooti!


Aka nafi keesani mana Lubbu Qulqullo, ta Waaqi isanii kenne, ta isani keesa teetu imbeetani? Nafi keesani keesaniiniti, ammo ka Waaqaati;


Waan ijeecha nuti murani seene. Ammo wonti kunini aka nu ufi inabdanne ammo Waaqa ka nama due kaasu abdannufi taate.


Eebiti Aabbo keenna Yeso Kristo, jaalalti ta Waaqa wold'aqisi Lubbu Qulqulloleeni ha nuu ch'ufa woliini tau.


Jaalala Kristoni nu jaalatuuti nu mitisa, amma aka nami toko maro nama ch'ufatiifi due imbeenna, akasi jechaani nami ch'ufti ya due jechu.


D'aamsi keenna aka Waaqi Kristo keesa nama ufiti araarsu. Waaqi daba worrati int'aamne, ammalle ya d'aamsa nagaya kana harka keennati kenne.


Eebiti Waaqa nama Aabbo Yeso Kristo guddo jaalatu ch'ufa woliini tahinna.


maro waan kanatifi anini akana gaargala. Ammo anini ammalle inch'eerfad'u, waan anini nama abdad'e beekhufi, ammalle imbeekha aka inni haga guyyaani gahuuti waan inni harka kiyyati kenne qorqoratu.


Ammalle gaafa Ilma angafa lafaani d'ufe inni waan jed'e, Malaikaani Waaqa ch'ufti ha isa guddiftu.


Maqaani kiyya Simoni Petro, anini hojattufi ergattu Yeso Kristo. Anini tatabe tana gara worra d'uga Waaqaatiifi ta Qarqaarsa Yeso Kristotiini d'ugefacha dansa aka teenna argateti t'aafa.


Ammo eebafi hubacha Aabbo Qarqaarsa keenna Yeso Kristo keesa guddad'a. Guddinni ka isaati, ammafi hegerile! Amini.


Nami Ilma didu Abbale ya dide, ka Ilma fud'atu ya Abbale fud'ate.


Nami barsiisa Kristo keesa inteenne, ammo biraa dabru, Waaqa inqabu. Nami barsiisa suni keesa tau Abbaafi Ilmale inqaba.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ