22 Abbaaleeni nama tokole inqoru, ammo waan qorsuma ch'ufa yayu Ilmati kenne,
AABBO Waaqa durati sirbiti, gaafa inni lafa fidu d'ufu. Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.
Wonti akanatiifi inni d'ufe lafa fida, inni gosa lafa keesa jirtu ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.
Kaimticha, haga kaimoma qabdu gammadi. Waan miiri si yaadu ch'ufa tolchi. Ammo aka Waaqi takaa tana waan atini taate si qoru qaabad'i.
Waaqi waan nu tolchinu, dansaafi hamtule, ta nu d'ossati tolchinule, inqora.
Waan ch'ufa Aabbooni ya harka kiyyati kenne. Abba male, nami Ilma beekhu injiru, ammalle nami Abba beekhu injiru, Ilmaafi nama inni iti mullisu fed'u male.
Ilmi Nama malaika ufi woliini guddinna Abbaatiini d'ufa, duuba nama ch'ufa huji isaa gula waan isaa male kennaafi.
Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.
Atini humna nama ch'ufa ira ya isaa kennite, aka inni nama ch'ufa ka atini isaa kennite jireenna hegeri kennuufi.
Abbaani Ilma jaalate waan ch'ufa harka isati kenne.
Inni yayu jabeenna qorsuma kenneefi, waan inni Ilma Nama taheefi.
Yesoni waan jed'eeni, Anini qorsumaafi lafa tana d'ufe, aka ballaani lafa arge ammo ka ila qabu ballaa tahu.
Inni nuti d'aame aka nama barsiimne d'ugeesinu, aka nami Waaqi fohate isuma, ka dubbi nama jiruufi ka duele qoru.
Inni ya guyya tolfate, aka nama lafa jiru ch'ufa d'ugaani qoru, nama inni fohateeni. Inni ya nama kana duisa keesaa kaase, waan kana kara kanaani nama ch'ufaa d'ugeese.
Duuba Odu Dansa anini odeesu gula, wonti kunini guyya Waaqi, maro Yeso Kristotiifi, waan garaa nama keesa jiru qoru taati.
Nuuni ch'ufti Kristo dura eju malle, aka inni dubbi teenna qore, nami ch'ufti waan argachu male argatu, waan inni nafaani tolche gula, hamtuufi dansale.
Anini fuula Waaqatiifi ka Kristo Yeso, ka nama ch'ufa ka duefi ka jirule qoru durati si kad'ad'a: maro d'ufiisafi Finna isaatiifi,
Ammo worri kunini ch'ufti waan qara tolche, Waaqa nama jiruufi ka duele qorisa kurfo jiru durati himachu male.