Ato inni dubbatu, dumansi adiini toko worrati golle, qonqooni dumansa keesa waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, ka na gammachiisu, dubbi isaa ch'aqasa jette.
Gaafa Aabbo Waaqi ulfinnafi guddinna isaa kenne, nu achi jirra, gaafa qonqooni gara Guddinna gubbati gadi d'ufte. Kunini Ilma kiyya, ka anini jaalad'u, ka guddo naa gammachiisu jette.