Jennaani waan biyyaani jed'e, Guyya Sabato aki waan dansa tolchani fullaa mo fullaaniti? Lubbu baasani mo inijeesani? Ammo worri isa gula dubbachu dide ch'allise.
Farisayo keesa nami gari waan jed'e, Namichi kunini, ka waan kana tolche, gara Waaqaati ind'umne, maro inni seera Sabato inguunneefi. Ammo ka gari waan jed'e, Nami daba qabu akami dandae waan akana kana tolcha? Jennaani gargari bahani.