31 Nami gubba gadi d'ufu nama ch'ufa ira jira; ka lafa keesa tau ka lafaati, ammalle waan lafa hasaa. Ka gubba gadi d'ufu nama ch'ufa ira gudda.
Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.
Yohanani isa d'ugeese, qonqo olfud'ate waan jed'e, Kunini ka anini waan isaa dubbad'e waan jed'e, Inni faana tiyya d'ufa, ammo nara gudda; ato anini ind'alatiini inni duru jira.
Inni eegi tiyya d'ufa, ammo anini seemsa kope isa iti d'iaad'e hiikhu himmalle.
Kunini ka anini, Inni faana tiyya d'ufa, ammo nara gudda, ato anini ind'alatiini inni duru jira jed'e kaani.
Inni guddate, anini diqaachu male.
Qit'aani Waaqi namaa kennu namicha gubbaa gadi d'ufe jireenna lafaa kennu.
Anini qit'a jireenna ka gubbaa gadi d'ufe. Yo nami qit'a suni nyaate haga hegeri jiraata. Ee, qit'aani anini maro jireenna lafatiifi kennu sunini fooni kiyya.
Yesoni waan worraani jed'e, Isani lafa tanaa baatani, anini gubbaa gad'ufe. Isani ka lafa tanati, anini ka lafa tanaatiiniti.
Dubbi suni ta Waaqi gara ijoolle Israeli erge, aka nagaya Yeso Kristo keesa hasaani, inni Abba nama ch'ufaati, isani imbeetani.
worri d'aloota jaarole duriiti, Kristoleeni d'aloota gula gosa worraati. Waaqa ka waan ch'ufa fidu haga jiru ha guddisani! Amini.
Wold'aqisi qara aada kad'achatiifi fulla Waaqa iti kad'atani nami harkaani mid'aase qaba.
ka gubbati oldeebie harka Waaqa ka mirga tae, malaikafi jabeennaafi humna gubba jiru ch'ufa fidu.
Worri worra lafaati, waan lafa dubbata; maro tanaafi lafti worra ch'aqafti.
Woya isatiifi miila isaa gubbati maqa isaa t'aafani, Hayyu hayyoota, Aabbo abbooti ch'ufa jed'ani.