21 Ammo mani inni baane nafa isaati.
Dubbini nama taate, jiddu teenna teete, nu guddinna isaa agarre, akuma guddinna Ilma tokocha ka gara Abbati bahe, ka eebafi d'ugaani guutame.
Tanaafi duisa keesaa isa kaamnaani, jari isaa aka inni waan kana jed'e qaabate, t'aafifi dubbi Yesoni jed'e d'ugefate.
Isani aka mana Waaqa ufi imbeetani? Ammalle aka Lubbuuni Waaqa isani keesa teetu ufi imbeetani?
Aka nafi keesani mana Lubbu Qulqullo, ta Waaqi isanii kenne, ta isani keesa teetu imbeetani? Nafi keesani keesaniiniti, ammo ka Waaqaati;
Mani Waaqa, waan harkaani boch'ani ka worri Waaqa imbeenne kad'atuuni wolintaani? Nu Mana Waaqa jiruuti! Akuma Waaqi ufiini jed'e, Anini mana kiyya worra woliini jaarad'e worra woliini taa, anini Waaqa worraa tahe, worrileeni gumi tiyya taha.
Maro fed'i Waaqaatiifi Ilmi qit'ooma Waaqaa ufi keesaa qaba.
Wonti akanatiifi qit'oomi Waaqa ch'ufti nafuma Kristo keesa jira,
Inni huji qaallu gudda Fulla Qulqulloti hojata, waaro Aabbooni d'aabe keesa, ta nami d'aabeeniti.