16 Ammo Petroni karra dura ala eje. Namichi kaani ka qaallichi guddaani fuula beekhu gabahe, intala karra eeddu tokooni dubbate Petro olseensise.
Ato Petroni ch'icha dura tau, intalti hojattu qaallicha gudda toko d'ufte waan jetteeni, Atileeni Yeso Galilaya woliini jirta.
Guyya jila Pasaka ch'ufa, hayyuuni nama hid'ani toko, ka gumiini kad'atte, gadi lakisa.
Jila keesa aadaani isaa nama toko ka hid'aansa keesa jiru hiiti.
Ammo gumiini ch'ufti ch'aarte waan jette, Nama kana nuraa balleesi, Baraba nu hiikhi.
Petroni balbala harkaani d'od'oomnaani, intalti toko ta Roda jed'ani ilaalu d'ufte.