Yesoni waan jed'eeni, Ila Filipo, nu guyya heddu woliini teenne, ammalle na imbaranne? Nami na arge Abbaale la arge. Atini akami, Abba nu agarsiisi jetta?
Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.