Ammo yo anini tolche, yo na d'ugefachu baatanile, huji suni d'ugefad'a; aka isani aka dansa hubatani baratani, aka abbaani na keesa jiru, ka anileeni abba keesa jiru.
Anini amma tana lafa keesa intau, ammo jari kunini lafa keesa taa; anini gara kanke d'ufa. Ee Aabbo qulqullo jabeenna kanke ka atini naa kennite sunini worra qorqorad'i aka worri akuma kenna taka tahu.
Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.
Tanaafi nu waan Kristo nama ch'ufati odeesina. Nama ch'ufa gorsineti barsiimna, qalbi teenna ch'ufaani, aka nami ch'ufti Kristo keesati guddate fuula Waaqa duraani d'umnu.